Kabajni Ayyaana Mawuliidaa fi Daamaraa nagaan xumurame – Humna Waloo Nageenyaa

You are currently viewing Kabajni Ayyaana Mawuliidaa fi Daamaraa nagaan xumurame – Humna Waloo Nageenyaa
  • Post category:Itoophiyaa

Kabajni Ayyaana Mawuliidaa fi Daamaraa nagaan xumuramuu Humni Waloo Tikaa fi Nageenyaa beeksise.

Humni walichaa ayyaanoonni kunneen rakkoo nageenyaa tokko malee akka xumuramu iddoolee shakkiin juratti xiyyeeffachuun hojiin hojjetame milkaa’ina kana argamsiisuu ibseera.

Teeknooloojiiwwan hojichaaf tumsan fayyadamuun qaamoleen nageenyaa qindoominaan hojjechuun ayyaanichi nagaan xumuramuu humni walichaa ibsa baaseen ibseera.

Humni walichaa ayyaanonni kunneen nagaan akka xumuraman qaamolee gumaacha taasiisan hunda galeeffateera.

Ayyaanonni ummataa yeroo itti aanu kabajamanis nagaan akka xumuraman hawaasni tumsa barame akka taasiisu waamicha dhiyeesseera.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review