AMN Plus – Onkoloolessa 06/2018
Kaffaltoonni Gibiraa Amanamoon tajaajila Magaalaa Finfinnee irraa barbaadan kamiifuu dursi kennamuun, keessummeessa kabajaa (VIP) akka argatan murteeffamuu Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee ifoomsan.
Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee mata duree “Gibira Kabaja Biyyaaf” jedhuun kaffaltoota gibiraa amanamoo 390 oliif beekamtii kennuun galateeffateera.
Kaffaltoonni Gibiraa Amanamoon tajaajila magaalattii irraa barbaadan kamiifuu dursi kennamuun, tajaajila “VIP” akka argatan murteeffamuu ifoomsaniiru.
Kana malees “Isin caalmaan akka sooromtan caalmaan isindeeggaruuf hojjenna” jechuun, yoo galii guddaa argattan gibira maddisiistu jedhaniiru.
Gibira kaffaluun ammayyumaafi dirqama ta’uu eeruun, amanamuun ammoo tajaajila kamiifuu dursa kennisiisa jedhaniiru.
Gibira kaffaluun karaa ammayyaa’aan mootummaa misooma gaafachuu akka ta’ellee eeran Kantiibaa Adaanech.
Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee seeraan altummaaf bakka hin qabu, kanaafis sirna sassaabbii galii ammayyeessuun hanna balleessuuf akka hojjetullee ibsaniiru.
Shuumii Badhaasootiin