AMN – Mudde 25/2017
Kantiibaa Adaanech Abeebee daawwannaa guyyaa lamaa biyya Chaayinaa Magaalaa Jiyaangsuutti taasisaniin Barreessaa (CPC) Magaalaa Jiyaangsuu kan ta’an Waang Jiinjiyaan Waliin wal arguun dhimmoota gam-lamee irratti waliin hojjechuu irratti mari’achuu isaanii beeksisaniiru.
Dabalataanis, dura taa’aa Dhimmoota Tumsa Diinagdee fi Teeknikaa Idil-addunyaa kan ta’an Soong Chinboo waliin wal arganii kallattiiwwanii fi dameewwan walta’iinsaa irratti mari’achuu fi waliin hojjechuuf waliigaluu isaanii ergaa fuula marsariitii hawaasummaa isaanii irratti maxxansaniin dabarsaniiru.
Kantiibaa Adaanech daawwannaa magaalota Naanjiin fi Jiyaangsuutti taasisaniin hojimaata misooma kooridarii Finfinneetti gaggeeffamaa jiruuf galtee ta’uun itti fayyadaman of keessaa qabaachuu isaaniis eeraniiru.
Daawwannichi pirojektoota gurguddoo qarqara lagaa fi magaalaa haaromsuu; Karoora bulchiinsi magaalichaa manneen jireenyaa bal’inaan ijaaruuf qabaniif akka qabeenyaatti kan oolu ta’a jedhan.
Teeknooloojiiwwan qabeenya saffisaa fi gahumsaan hojjetamuu danda’an; akkasumas pirojektoota qonna magaalotaa gama qulqullinaa fi bal’inaan hojiirra oolaa jiran daawwachuu isaaniis beeksisaniiru.
Daawwannaa Kantiibaa Adaanech Abeebee taasisaan keessatti beekumsaa fi teeknolojii galtee biyya keenyaaf mijatu irratti hojjachuuf walii galtteerra akka gahan ergaa marsaa hawaassummaa isaanii irraatti dabarsaniin ibsaniiru.