AMN PLUS- Mudde 27/2017
Magaalaa Finfinneetti saaxilamummaa kirkira lafaa gara fulduraa jiraachuu malu hubannoo keessa galchuun qorannoo of eeggannoo duraa gaggeessuuf koreen ogeeyyii hundaa’eera.
Kaantiibaan magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen hayyoota Yuuniversiitii Finfinnee Ji’oofiiziksii, Dhaabbata Saayinsii hawwaa fi Astiroonoomii, akkasumas Ji’ooloojikaal Sarveey waliin mari’ataniiru.
Kirkira fi hollannaa lafaa kutaalee biyyattii garaagaraatti mudachaa jiruu fi ficaatii waliigalaa ilaalchisee marii gaggeessuu Aadde Adaanech fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.