Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen agarsiisa Indaastiriiwwan Oomishaa Itoophiyaa – Finfinneen haa oomishtuu bara 2017 eegalchiisaniiru.
Kantiibaa Adaanech Abeebee ergaa karaa miidiyaa hawaasaa isaaniin dabarsaniin agarsiisicha giddugaleessa Konveenshinii Idil addunyaa Addis Alamitti eegalchiisuu himan.
Indaastiriin dameewwan dinagdee xiyyeeffannoon addaa kennameef keessaa tokko ta’uu kan kaasan Kantiibaa Adaanech Abeebee Magaalaa Finfinnee giddu galeessa Indaastirii gochuuf kalaqa jajjabeessuun , oomishtoota deeggaruun, tajaajila liqii dhiheessuun, iddoo hojii mijeessuun , misoomawwan bu’uuraa guutuun , leenjii kennuufi oomishtotaaf deeggarsa gochuun hojiiwwan hedduu hojjetaa jirra jedhan.
Sosochiin Itoophiyaan haa oomishtuu damicha dammaqsuun cinaatti indaastiriiwwan sababoota garagaraan hojii dhaabanii turan gara oomishaatti akka deebi’an, oomisha isaanii fayyadamtootaaf akka beeksisan, walitti hidhamiinsa gabaa akka uuman, gurgurtaa akka raawwatanakkasumas muuxannoo akka wal jijjiiraniif waltajjii haala mijeessu ta’uu eeran.
Jiraattonni magaalaa Finfinnees agarsiisicha akka daawwatan, oomishtota biyya keessaa akka jajjabeessan, oomisha biyya keessaa akka fayyadamaniifi bitan waamicha dabarsaniiru.