Komishiniin Marii Biyyaalessaa Itoophiyaa Adeemsa Ajandaa Walitti Qabuu Akka Naannoo Oromiyaatti eegalamuuf Dhimmamtoota Waliin Mari’achaa jira

AMN – Muddee 02/2017

Komishiniin Marii biyyaalessaa Itoophiyaa Adeemsa ajandaa walitti qabuu akka Naannoo Oromiyaatti Muddee 7 bara 2017 Magaalaa Adaamatti eegalamuuf, bakka buutota paartilee siyaasaa, hoggantoota Mootummaa Naannoo Oromiyaa irraa bakka bu’an, namoota dhiibbaa uumuu danda’anii fi dhaabbilee siivikii irraa walitti dhufan waliin Mari’achaa jira.

Itoophiyaan biyya guddoo Gaanfa Afrikaatti argamtu ta’uun hubatamee, qaamolee har’a Marii kana irratti hirmaatan biyya guddoo hirmaannaa Sabaa fi Sab-lammootaan ijaaramte uumuu keessatti gahee isaanii bahuu qabu jedhameera.

Komishinichii Marii Biyyaalessaatti Dursaan garee Marii Naannoo Oromiyaa Obbo Buzunaa Asaffaa, Gaaffiin Sabaafi Sab-lammootaa Marii Biyyaalessaan furmaata argata waan ta’eef, hoggantoonni Naannoo Oromiyaa akka Sabaatti Oromoon imaanaa guddaa waan isin irratti gateef, ajandaa Sabichaa bakka buutota isaanii waliin ta’uun dhiheessuun dirqama Sabummaa bahuu qabu dhaamaniiru.

Dhimmoota galtee ajandaa Uummata Oromoo fi Mootummaa Naannoo Oromiyaa walitti qabuu fi Oromiyaa ceesisuun biyya ijaaruu keessatti qaamoleen har’a Marii kana irratti hirmaatan qooda guddaa kan qaban ta’uus Obbo Buzunaan himaniiru.

Sisaay Dirribaatu Gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply