Koorporeeshiniin Misooma Zoonii Diinagdee Addaa Gadaa yeroo xumurametti Diinagdee biyyaa bu’urarraa kan jiijjiru tahuun ibsame

You are currently viewing Koorporeeshiniin Misooma Zoonii Diinagdee Addaa Gadaa yeroo xumurametti Diinagdee biyyaa bu’urarraa kan jiijjiru tahuun ibsame

AMN PLUS- Ebla 25/2017

Boordiin Hoggantoota Zoonii Diinagdee Addaa Gadaa qorannaa raawwii hojii ji’a 9 fi daawwannaa dirree adeesiseera.

Hoji Gaggeessaan Koorporeeshinii Misooma Zoonii Diinagdee Addaa Gadaa Obbo Mootummaa Tamasgeen Daawwiifi qorannaa booda yaada AMN plus’iif kennaniin zoonichi mul’ata diinagdee biyyaa utubuufi giddugala daldalaa Sadarkaa Afrikaatti isa hangafaa ta’uuf kaayyeffatee hojjachaa jiraachuu ibsaniiru.

Koorporeeshiniin misooma zoonii diinagdee addaa Gadaa lafa heektaara Kuma 24 irra kan qubate ta’uu kan ibsan Obbo Mootummaan, hojii piroojaktii guddaa kanaa marsaa jalqabaa hojjatamaa jiruun lafa heektaara kuma 3 fi 150 misoomsuu irratti xiyyeeffannoo olaanaan hojjachaa jiraachuu ibsaniiru.

Hoji Gaggeessaa Olaanaan Korporeeshinii Misooma Zoonichaa Obbo Tamasgeen itti dabaluun Zooniin diinagdee addaa Gadaa iddoo Tarsimaawaa, Magaalaa Adaamaa fi Mojoo gidduufi Sarara baaburaa Itiyoo-Jibuutiitti dhihoo jiruutti ijaaramaa jiraachuun carraa addaa kan uumu ta’uu ibsaniiru.

Hojichi yeroo xumurametti  dargaggoota baay’eef carraa hojii kan uumu, Invastimantii alaa kan bal’isuu fi Jijjiirama bu’uraa Diinagdee Naannoo Oromiyaa fi Itoophiyaa fiduu keessatti shoora olaanaa kan bahatu akka tae himaniiru.

Miseensi Boordii Koorporeeshinii Misooma Zoonii Diinagdee addaa Gadaafi Hogganaan Biiroo Maallaqaa Naannoo Oromiyaa Obbo Tolasaa Dagafaa gamasaaniitiin, Daawwiifi  qorannoon taasifneen hojiin gaariin hojjatamaa jiraachuu mirkaneessuu ifoomsaniiru.

Hojiin Ijaarsa Zoonichaa kana Caalaa ariitiifi ciminaan akka itti fufuuf Too’annoo, Hordoffiifi deeggarsa barbaachisu kan taasisan tahuus himaniiru.

Sirna Daawwii fi qorannaa Koorporeeshinii Misooma Zoonii Diinagdee addaa Gadaa kanarratti, Walitti qabaan Boordii Hoggansaa Koorporeeshinii Misooma Zoonichaa Ambaasaaddar Girmaa Birruu, Miseensa Boordichaa fi Deetaan Ministeera Maallaqaa Iyyoob Takkaaliny (Dr.) dabalatee Hoggantoonni Mootummaa Federaalaa fi Naannoo Oromiyaa hirmaataniiru. Mahaammad Toofiq tu gabaase.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply