Kurmaana jalqabaatti carraan hojii kuma 96 ol uumameera- Obbo Xiraatuu Bayyanaa

You are currently viewing Kurmaana jalqabaatti carraan hojii kuma 96 ol uumameera- Obbo Xiraatuu Bayyanaa

AMN Plus -Onkoloolessa 03/2018

Magaalaa Finfinneetti, Kurmaana jalqabaa bara 2018’n lammiilee kuma 96f 210f carraan hojii uumamu Sadarkaa I/A Kantiibaatti Hogganaan Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Finfinnee Obbo Xiraatuu Bayyanaa himan.

Kurmaana jalqabaatti lammiilee kuma 77fi 500f carraa hojii uumuuf kan karoorfameen ol raawwiin galmaa’uus eeraniiru.

Karoora guyyootii 90 irratti hojiin hojjetame milkaa’ina kanaaf sababa ta’uu himan. Kanneen keessaa eebbifamtoota kuma 10 ol hojii akka argatan carraan uumamuus kaasan.

Kurmaanuma jal;qabaa kanattis walitti hidhamiinsa gabaa birria biiliyoona lama uumamuu Obbo xiraatuun himaniiru.

Akka magaalaa Finfinneetti bara 2018 lammiilee kuma 350f carraa hojii uumuuf karoorfamee hojjetamaa akka jiru yaadachiisaniiru.

Tagany Bafiqaaduutiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply