AMN Fulbaana 17, 2016:- Jiraattoota magaalaa Finfinneef kennaa bara haaraa dabalataa akka taāuuf giddu gala nyaataa āTasfaa Birhaanā 20ffaan eebbifamuu Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen himan.
Kabajamoo Muummee Ministiraa keenya maqaa fayyadamtootaatiin onneerraa galateeffachuun barbaada jedhan.
“Harāa tajaajila kan eegalchiisne giddu galli nyaataa kuni kutaa magaalaa gullallee naannawwaa Qacanee Madaaniāaalam jedhamuun waamamutti kan ijaarame dha” jedhaniiru.
Jiraattoota humna hin qabne 500 ol taāaniif guyyaatti al-tokko nyaata madaalawaa dhiyeessuufii kan dandaāu ta’uus eeran.
Walumaa galatti giddu galaawwan nyaataa 20ān magaalaa Finfinneetti argaman irraa jiraattoonni magaalattii kuma 35 ol taāan itti tajaajilamaa jirus jedhaniiru.

“Mulaāata keenya qooddachuun giddu gala nyaataa ātasfaa birhaanā 20ffaa baasii birrii miiliyoona 47 tiin kan nuuf ijaaran abbaa qabeenyaa āTokkummaa Istaar Biizinas Giruupā kan taāan obbo Tokkummaa Fiixee akkasumas fayyadamtoota itti fufiinsaan nyaachisuuf giddu galicha kan nurraa fuudhan hundeessaan Faawundeeshinii Bizuāaayyahu Taaddalaa obbo Bizuāaayyahu Taaddalaa maqaa fayyadamtootaan onneerraa galateeffachuun barbaada” jedhaniiru.