Labsiin sirna bittaa fi gurgurtaa oomishaalee boba’aa hojimaata ammayyaa kan cimsuu fi itti gaafatamummaa kan guddisuu dha- Abbaa Taayitaa Boba’aa fi Inarjii

You are currently viewing Labsiin sirna bittaa fi gurgurtaa oomishaalee boba’aa hojimaata ammayyaa kan cimsuu fi itti gaafatamummaa kan guddisuu dha- Abbaa Taayitaa Boba’aa fi Inarjii

AMN- Amajjii 1/2017

Labsiin Sirna bittaa fi gurgurtaa oomishaalee boba’aa hojii-maata ammayyaa kan cimsuu fi itti gaafatamummaa kan guddisuu ta’uu isaa Daarektarri Olaanaa Abbaa Taayitaa Boba’aa fi Inarjii Aadde Saaharallaa Abdullaahii ibsaniiru.

Labsiin kun mootummaan oomishaalee boba’aa baasii guddaa sharafaa biyyaa alaatiin gara biyyaatti galachu kan karaa seeran ala qisaasamu ittisuu fi itti gaafatamummaa seeraa mirkaneessuuf qaawwa gama kanaan ture kan cufudha.

Labsiin kun oomishaalee boba’aa bakka eeyyamameen alatti kuusuu, sirna daldalaatiin ala gurguruu, biyyoota ollaatti daddabarsuu fi hojiiwwan seeraan alaa biro raawwachuun wixinee labsii kana keessatti bal’inaan taa’era.

Aadde Saahirallaa labsiin kun dhiyeessii boba’aa haqa qabeessa ta’e mirkaneessuu, gochaalee seeraan alaa dhabamsiisuu, sirna ammayyaa dirissuuf, ijaarsa buufata boba’aa akka babal’atu himuu issanii TOIttu gabaase.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply