Leenjiin hoggansa olaanoo Paartii Badhaadhina kennama ture xumurame

You are currently viewing Leenjiin hoggansa olaanoo Paartii Badhaadhina kennama ture xumurame
  • Post category:Itoophiyaa

Leenjiin hoggantoota olaanoo Paartii Badhaadhinaaf guyyoota 12’f Magaalaa Adaamaatti kennamaa ture milkaa’inaan xumuramuu paartichi beeksise.

Leenjichi, tokkummaa keessoo caalmaan cimsuun, hoggansii akka walirraa baratuufi muuxannoo waliif qooduun, yaadama bu’uuraa paartichaa ka’umsa taasifachuun qormaatilee keessoofi idiladdunyaaf kallattiilee furmaataarratti waliigaltee waloorraa gahuu beeksiseera.

Karoorawwan qabaman akkaataa ummataaf waadaa galameen akka raawwatamu kan taasisuu ta’uun eerameera.

Haaluma kanaan leenjichi milkaa’inaan akka xumuramuuf qaamolee gumaacha taasisan Dursaan Pirezidaantii Ittaanaa Paartichaa Obbo Adam Faaraah galateeffachu ragaan Paarticharraa argame nimul’isa.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review