AMN- Mudde 03/2017
Humni waloo Eegumsa bu’uuraalee Misooma Kooriidarii Magaalaa Finfinnee raawwii hojii ji’oottan shanan darbanii gamaaggamaa jira.
Abbaan Taayitaa kabachiisa Dambii, Ejensiin Bulchiinsa Qulqullinaa, Manaajimentiin Tiraafikaaa, Abbaan Taayitaa Bulchiinsa Tajaajila Humna Ibsaa fi Biiroon Eeyyama Ijaarsaa, bu’uuraalee misooma kooridariin hojjetaman nageenyummaa isaanii eegsisuuf qindoominaan hojjechaa jiru.
Dhaabbileen kunneen bu’uuraaleen Misooma koridarii hojjetaman faayidaa barbaadameef akka oluufis ta’e dhalootatti darbuuf nageenyummaa isaanii eegsisuurratti xiyyeeffannoon hojjechaa jiru.
Qulqullina isaa eegsisuuf namoota miliyoona 1fi kumaa 500 oliif hojiin hubannoo uumuu kennameera jedhame.
Dhaabbiilee fi namoota dhuunfaa qajeelfama kabachiisa Dambii darban kuma 19 ol irratti tarkaanfiin fudhatameera.
Konkolaattota seera tiraafikaa cabsun bu’uuraalee misooma koridaraan hojjetamaan irratti miidhaa dhaqabsiisan kuma 36 ol irratti tarkaanfiin sirreeffamaa kan fudhatame ta’uu Humni waloo Kun himeera
Waluma galatti dhaabbilee, namoota dhuunfaa fi konkolaattota Dambii ka’amee darbuun bu’uuralee misooma koridariirran miidhaa dhaqabsiisan birri miiliyoona 100 fi miliyoona 40 Ol adabamuu isaanii humni waloo Eegumsa Bu’uuraalee misooma koridarii kun beeksiseera
Mangashaa Daargeetu Gabaase