Luusiiwwan Gulaallii Waancaa Afriikaan osoo hin milkaa’in hafan

You are currently viewing Luusiiwwan Gulaallii Waancaa Afriikaan osoo hin milkaa’in hafan
  • Post category:Ispoortii

Gareen Biyyaalessa Dubartoota Ityoophiyaa (Luusiiwwan) tapha gulaallii Waancaa Afriikaa Burundii waliin taasisaniin marsaa itti aanutti osoo hin darbin hafan.

Tapha deebii har’a geggeeffameen gareewwan lamaan sa’atii taphaa idilee tokko qixa bahanus, rukuttaa adda-baastuu kennameen Burundiin 5f 3’n injifachuun marsaa itti aanutti dabarteetti.

Ityoophiyaan daqiiqaa 19ffaa irratti galchii Redi’eet Asrassahiny lakkoofsisteen dursaa turtus, boqonnaa booda daqiiqaa 48ffaa irratti galchii keessummeessani.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review