Ilmi Ronaldoo, Kiristaanoo Juuniyer faana abbaa isaa hordofe

You are currently viewing Ilmi Ronaldoo, Kiristaanoo Juuniyer faana abbaa isaa hordofe
  • Post category:Ispoortii

AMN Onkoloolessa 08, 2016:- Ilmi urjii kubbaa miilaa Addunyaa Kiristaanoo Ronaaldoo (CR7) Kiristaanoo Juuniyer kilaba Saawud Arabiyaa Al-Naasiriif mallatteesse.

Kiristaanoo Juuniyer kilaba abbaan isaa CR7 keessa taphatu Al-Naasir umurii waggaa 13 gaditti makameera.

Ilmi isaa kilaba Al-Naasir umurii 13 gaditti makamuutti kan gammade CR7 yeroo baayee akka waliin taphataniif xiqqoo dirree kubbaa miilaarra turi jechuun gaaffii dhiyeessuuf himeera.

Kiristaanoo Juuneer turtii isaan hidhannoo lakkoofsa 7 akka uffatus kilaba Al-Naasir dabalatee maddeen Ispoortii Idil-Addunyaa gabaasaniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review