Maammiltoonni haaraan kuma 107 ol fayyadamoo elektirikaa ta’aniiru

You are currently viewing Maammiltoonni haaraan kuma 107 ol fayyadamoo elektirikaa ta’aniiru

‎AMN PLUS- Onkoloolessa 11/2018

‎Tajaajilli Elektirikaa Itoophiyaa ji’oota sadan jalqaba bara 2018tti maammiltooni haaraan kumni 100 fi kumni 7 fi 191 tajaajila elektirikaa akka argatan ibseera.

‎Raawwiin kurmaana kanaa kan bara darbee yeroo wal fakkaataan wal bira qabamee yoo madaalamu dhibbantaa 18.3n caalmaa akka qabu odeeffannoon Tajaajilicha irraa argame ni mul’isa.

‎Maammiltoota haaraa tajaajila kana argachuu eegalan keessaa dhibbantaan 95.5 fayyadamtoota tajaajila boodarra kaffalamuu yoo ta’an, kanneen hafan ammoo tajaajila dura kaffalamuu warra fayyadaman ta’uu ibsameera.

‎Waliinga’iinsa tajaajila elektirikaa haqa qabeessa gama waliin ga’uunis magaalonni fi qe’eewwan baadiyyaa 14 fayyadamoo akka ta’an eerameera.

‎Amanamummaa fi qulqullina dhiyeessii humna elektirikaa fooyyessuufis hojiin sararoota raabsaa Kiiloo meetirri 957 deebisanii ijaaruu fi sararoota kiiloo meetira kuma 2 fi 151 babal’isuu fi tiraansifoormeroota turan 493 fooyyeessuun akka danda’ames ibsameera.

‎Dabalataanis, tiraansifoormeroota haaraa 850 dhaabamuu yoo eeramu, maammiltooni kaffaltii dijiitaalawaa raawwatan dhibbantaa 94 ol irra ga’uu ibsameera.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply