Magaalota Oromiyaa keessatti ijaarsi kilaasteroota beelladaa xiyyeeffannoo addaan gaggeeffama jira

You are currently viewing Magaalota Oromiyaa keessatti ijaarsi kilaasteroota beelladaa xiyyeeffannoo addaan gaggeeffama jira

AMN- Amajjii 8/2017

Magaalota Oromiyaa keessatti ijaarsi kilaasteroota beelladaa xiyyeeffannoo addaan gaggeeffama jiraachuu Biiroon Kominikeeshinii Oromiyaa beeksise.

Ijaarsi kilaastera misooma beelladaa wabii nyaataa mirkaneessuuf kaayyeffatee hojjetamaa jiruun cinatti carraa hojii bal’inaan uumuu, qaala’iinsa gabaa tasgabeessuu, aadaa hojii seektarichaa guddisuu, dinagdee biyyaa utubuufi dhugoomsuu keessatti olaanaa baha jira.

Mootummaan imala badhaadhinaa yaadama irraa gara gocha qabatamaatti ce’uun hiyyummaa magaalota keessatti hidda fageeffatee ture keessaa baasuufi magaalota iddoo oomishaa taasisuuf hojjechaa jiraachunis ibsameera.

Godina Booranaa, Magaalaa Yaa’aaballootti inisheetiviin ijaarsa kilaastera misooma lukkuu haala sadarkaasaa eeggateen hojjatamaa jirachuu BKO irraa odeeffanne.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply