AMN PLUS- Eebla 2/2017
Manni Maree Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee meeshaalee barnootaa adda addaa Naannoo Gaambeellaaf arjoomeera
Deeggarsicha Pirezidaanti Mootummaa Naannichaa Aadde Alamituu Umoodi fi Af-yaa’ii Mana Maree Naannichaa Aadde Masarat Matiwoos fudhaniiru.
Af-Yaa’iin Mana Maree Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Buzeenaa Alqaadir gara naanichaatti dhufuun isaanii walitti dhufeenyaa jiru kan cimsu ta’uu Pirezidaatiin Naannichaa Aadde Alamituu Umoodi himaniiru.
Deeggarsi taasifame barattotaaf faayidaa gudda akka qabu ibsuun hojiin akasii cimee itti fufuu qaba jedhan.
Af- yaa’iin Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Buzeenaa Alqaadir gama isaniin, deeggarsi taasifame kompitaraa deesktooppii dabalatee kitaabolee fi meshaalee barnoota adda addaa akka ta’e himuun, fuuldurattis deeggarsi walfakkatu kan itti fufuu fi Manni Marichiaa naannicha waliin dhiyeenyaan ni hojjeta jechuusaanii Kominikeeshinii Naannichaarraa odeeffanne.