Manni marichaa labsiiwwanii fi waliigalteewwan garagaraa afur raggaase

You are currently viewing Manni marichaa labsiiwwanii fi waliigalteewwan garagaraa afur raggaase

AMN PLUS – Caamsaa 05/2017

Manni maree bakka bu’oota ummataa wixinee labsii waliigaltee liqii lama, waliigaltee geejjiba qilleensaa tokkoo fi waliigaltee korporeeshinii faayinaansii Afriikaa hundeessuuf taasifame raggaaseera.

Manni marichaa walgahii idilee 29ffaa bara hojii waggaa jahaffaa har’a taa’eera.

Wixinee labsii waliigaltee liqii yuuroo miil. 11 fi 500 misooma naannawaa fi dinagdee magariisaaf mootummaa Itiliirraa argame fi sagantaa tiraanisfoormeeshinii damee barnootaaf waldaa misoomaa idil addunyaarraa argame doolaara miiliyoona 50 sagalee guutuun raggaaseera.

Akkasumas waliigalteen tajaajila geejjiba qilleensaa mootummaa Itiyoophiyaa fi Ostiriyaa jidduutti mallatteeffame sagalee guutuun ragga’eera.

Akkasumas wixineen labsii waliigaltee korporeeshinii Faayinaansii Afriikaa dhaabuuf taasifame raggaasuuf dhihaate dhorka sagalee sadii fi sagalee caalmaan ragga’eera.

Ministir Deetaan Gargaartuu itti waamamtuu mootummaa Masarat Hayilee wixineewwan labsii walii galtee liqii bal’inaan dhiheessuusaanii TOI’tu gabaase.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply