Mariin Itoophiyaafi Somaaliyaa jaarsummaa Tirkiyeen geggeeffamaa ture waliigalteen goolabame

AMN- Muddee 03/2017

Mariin Itoophiyaa fi Somaaliyaa jaarsummaa Pirezidaantii Tarkiyee Recip Xaayib Erdohaaniin yeroo 3ffaaf Ankaaraatti geggeeffamaa ture milkaa’inaan xumurameera.

Waliigalticha booda Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (Dr) fi Pirezidaantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammad ibsa waloo kennaniiru.

Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad carraa kanaan ummanni Itoophiyaa fi Somaaliyaa afaan, aadaa fi dhiigaan kan walitti hidhaman ta’uu ibsuun, biyyi isaanii nagaa fi misooma waloof Somaaliyaa waliin hojjechuuf kutannoo qabdi jedhan.

Itoophiyaan karra galaanaa karaa nagaan argachuuf sochiin taasiftu ida’amuu diinagdee fi hawaasummaa naannichaa keessatti gahee olaanaa akka qabu hubachiisaniiru.

Pireezidaantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammad gama isaaniitiin nageenyi dhimma ijoo biyyoota lamaanii waliin fayyadu ta’uu ibsuun, dhimma waloo irratti mootummaa fi ummata Itoophiyaa waliin ta’uun hojjechuuf kutannoo qabna jedhan.

Mootummaan isaanii wareegama loltoonni Itoophiyaa nagaa Somaaliyaa eegsisuuf kaffalan akka hin daganne, nagaa eegsisuuf carraaqqii dabalataa gochuuf kutannoo akka qaban ibsaniiru.

Pirezidaantiin Tarkiyee Resiip Xayib Erdohaan sanadni waliigaltee biyyoonni lamaan mallatteessan tumsa, guddina dinagdee fi badhaadhina wabii ta’uu ibsaniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply