Meeshaaleen sadarkaa gadi ta’an meetirik tooniin 900 ol gara biyyaa akka hinseenne dhorkame

You are currently viewing Meeshaaleen sadarkaa gadi ta’an meetirik tooniin 900 ol gara biyyaa akka hinseenne dhorkame

AMN PLUS- Amajji 20/2017

Baatiiwwan jahan darban meeshaalee alaa galan irratti to’annoo gaggeeffaameen kanneen ulaagaa qulqullinaa kaa’ame hinguunne meetirik tooniin 932 akka hingalle dhorkamuun Ministeerri Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa beeksise.

Baatiiwwan jahan darban keessa meeshaalee alaa galan meetirik toonii miiliyoona 1 fi kuma 700 fi kuma 19 ol irratti to’annoon qulqullinaa geggeeffamuu himame.

Oomishaalee kanneen irratti to’annoo tasaa geggeessuu fi dhaabbata madaallii fi mijaa’ummaa Itiyoophiyaan akka sakatta’aman gochuun oomishaalee sadarkaa Itoophiyaan keesse guutan qofti akka seenaniif eeyyamamuunis ibsameera.

Paampiiwwan bishaanii, teeknooloojiin soolaarii, maashiniin uffata miicu,firiijii, jenereetera, tiraansifoormarii fi meeshaaleen walfakkaatoon, qulqullinni isaanii mirkanaa’ee ragaa mirkaneessa qulqullina sadarkaa dhiyeessanii akka galan ta’uus Ministeerichi ibseera.

Oomishaalee sadarkaa dirqisiisaan ba’ee hin guunnee meetirik tooniin 932 akka gara biyyaa hinseenne dhorkamuu isaanii odeeffannoon ministeericharraa argame ni mul’isa.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply