Addis Media Network sagantaa afferraa laaqanaa dhukkubsattootaa fi ogeessoota fayyaa Hospitaala Ispeeshaalaayizd Xiquur Anbbasaatiif taasisee.

You are currently viewing Addis Media Network sagantaa afferraa laaqanaa dhukkubsattootaa fi ogeessoota fayyaa Hospitaala Ispeeshaalaayizd Xiquur Anbbasaatiif taasisee.

AMN – Muddee 29/2017

Addis Media Network dhukkubsattootaa fi hojjettoota Hospitaala Ispeeshaalaayizd Xiiquur Anbbaasaatiif ayyaana qillee sababeeffachuun afferraa laaqanaa taasiseera.

AMN sagantaa kana kan qopheesse dhukkubsattoonni fi ogeessoonni fayyaa hospitaalichaa sababa hojiitin ayyaana waggaa maatii isaanii irraa fagaachuu isaaniitiin kophummaa akka itti hin dhagahamneef xiyyeeffannoo keessa galchuuni.

Hogganaan Kutaa Oduu fi Dhimmoota tibbanaa Televijiinii AMN Gammachis Miratee akka jedhanitti, dhaabbatichii akka miidiyaatti hawaasaaf odeeffannoo dhaqqabamaa taasisuu bira darbee hojiiwwan adda addaa namooma irratti xiyyeeffatan fi itti gaafatamummaa hawaasummaa irratti gahee isaa bahaa jiraachuu dubbataniru.

Fuulduratti hojiin eebbifamaa akkanaa cimee kan hojjetamu ta’uus ibsaniiru.

Daarektarri olaanaa Kolleejjii Saayinsii fayyaa Yunivarsiitii Finfinnee Piroofeesar Andu’aalem Denneqee gama isaaniitin AMN dhukkubsattoota daawwachuu fi sagantaa afferraa laaqanaa gaggeessuu isaatiif galateeffatanii, namoonni biroos hojii walfakkaataa akkanaa irratti akka hirmaatan waamicha dhiyyeessaniru.

Hoggantoonni fi hojjettoonni AMN fi hospitaalichaa saganticha irratti qooda fudhataniruu.

Almaaz Mulgeetaatuu gabaase.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply