Milkaa’ina marii biyyaalessaaf dargaggoonni hirmaannaa taasisaa jiran cimsanii itti fufuu akka qaban Komishiniin Marii Biyyaalessaa waamicha dhiheesse

You are currently viewing Milkaa’ina marii biyyaalessaaf dargaggoonni hirmaannaa taasisaa jiran cimsanii itti fufuu akka qaban Komishiniin Marii Biyyaalessaa waamicha dhiheesse

‎AMN PLUS- Waxabajjii 24/2017

Milkaa’ina marii biyyaalessaaf dargaggoonni hirmaannaa taasisaa jiran cimsanii itti fufuu akka qaban Komishiniin Marii Biyyaalessaa waamicha dhiheesseera.

‎Komishinichi bakka buutota dargaggootaafi dhaabbilee garaagaraa dargaggoota irratti hojjetan waliin bu’a qabeessummaa marii biyyaalessaaf ̎Gaheen Dargaggootaa Guddaadhaʺ mata dureen jedhu irratti waltajjii marii qopheessee mari’achaa Jira.

‎Marii kana irratti kan argaman komishinarri olaanaan komishiniin marii biyyaalessaa Piroofesar Masfin Ari’aayaa, dargaggoonni nageenyi waaraan biyya kanatti akka dhufuufi biyyattin imala Jijjiirama eegalte akka milkeessitu taasisuu keessatti gahee guddaa qabu jedhanii, milkaa’ina marii biyyaalessaaf hirmaannaa taasisaa Jiran cimsanii itti fufuu akka qaban waamicha dhiheessaniiru.

‎Sisaay Dirribaatu Gabaase.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply