Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (Dr.) fi Giiftii Duree Zinnaash Taayyaachoo Veetinaam Daawwachaa jiru
Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (Dr.) fi Giifti Duree Zinnaash Tayyaachoo Veetinaam Daawwachaa jiru.
Abiyyi Ahimad (Dr.) yaa’ii ‘P4G 2025’ irratti akka hirmaatan odeeffannoon Waajjira Ministira Muummee irra ni mul’isa.
Ministirri Muummee turtii isaanitiin warshaa anniisaa aduurraa maddisiisee biyya alaatti ergu Tooyoo Soolaar Veetinaam daawwataniiru.
Dhaabbatichi dhiyoo kana paarkii indaastirii Hawaasaa seenuun Ityoophiyaatti hojii eegaleera. Ministirri Muummee dhaabbatichi humna aduu maddisiisuun alatti warshaa humna maddisiisu akka hundeessu jajjabeessaniiru.
Kunis imaammata ashaaraa magariisaa biyyi keenya qabatte waliin walsimuun fedhii anniisaa guddaa jiruuf deebii kennuun akka danda’us hubachiisaniiru.