MM Abiyyi Ahimad warshaa Omisha Warqee “Etno mining” eebbisan

You are currently viewing MM Abiyyi Ahimad warshaa Omisha Warqee “Etno mining” eebbisan

AMN- Sadaasa 11, 2017

Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (Dr.) Warshaa Albuuda Warqee Etno Mining’ Naannoo Gaambeellaatti ijaarame eebbisiisaniiru.

Naannoo Gaambeellaa aanaa Akoobootti Invastimantiin hiikaa olaanaa qabu kun hojiirra ooluu isaanii hundi keenya baga gammanni jedhan Dooktar fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin.

Warshaan Albuuda Warqee ‘Etno mining’ Dhaabbata Oomisha Albuudaa Akooboof galtee kan ta’uu Dooktar Abiyyi kaasaniiru.

Dhaabbatichi biyyoota Iskaandineeviyaanii bu’ura kan godhate, karaa ‘Ethiopian Investment Holdings’ mootummaa Itiyoophiyaa waliin warqee barbaaduu fi albuuda baasuu irratti kan bobba’eedha jedhan.

Waggoottaan kurnan sadan darban magaalaan Diimaatti karaa aadaan albuuda warqee baasuun hojmaata qisaasamaaf saaxilamaa kan ture ta’uu eeraniiru.

Invastimantiin haaraan kun yeroo gabaabaa keessatti bu’aa jajjabeessaa mul’isuu fi oomisha Warqee sadarkaa isaa eeggate argamsiisurra darbee hojii albuuda baasuu adeemsa seeraan alaaf saaxilamaa tureef deebii kan laatu ta’uu himaniiru.

Akkasumas qabeenya kuufamaa naannoo Gaambeellaa jiru faayidaa ummataaf oolchuuf kaka’umsa jiru agarsiisa jedhan.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply