Misoomni koridarii dhaloota dhufu bu’uura gochuun hojjetamaa jira- MM Abiyyi Ahimad (Dr.)

You are currently viewing Misoomni koridarii dhaloota dhufu bu’uura gochuun hojjetamaa jira- MM Abiyyi Ahimad (Dr.)

AMN – Bitootessa 11/2017

Misoomni koridarii dhaloota dhufu bu’uura gochuun hojjetamaa jiraachuu Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (Dr) himaniiru

Ministirri Muummee Abiyyi (Dr.) gaaffii fi yaadota mineensota mana maree bakka bu’oota uummataarraa ka’aniifi deebii fi ibsa kennaniiru.

Hojii misooma koridarii ilaalchisuun ibsa kennaniin hojiin eegalame har’aaf qofa kan hojjetamu osoo hin taane dhaloota dhufu kan bu’uureeffateedha jedhan.

Magaalaa Finfinneetti misooma koridariin daandiin Km 200 hojjetamuu eeruun daandiiwwan lafoo bal’aanis ijaaramuu himan.

Lammiilee sababa misoomaan ka’aanifis beenyaa gahaan kaffalameera, hanga ammaattis beenyaan birrii biiliyoona 17 oli kaffalamuu isaa Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (Dr.) ibsaniiru.

Naannolee fi magaalota hundattis hojiin fakkeenyummaa qabu hojjetamaa jiraachuu ibsuun, akka fakkeenyaattis Magaalaa Hararitti hirmaannaa lammiileen hojiiin hojjetame magaalota kaanif muuxannoo ta’a jedhaniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply