AMN- Muddee 17/2017
Ganna darbe bishaan hidhaatti akka galu taasifame karoora humna ibsaa maddisiisuu bara baajataa kanaa galmaan gahuu akka danda’u dameen opireeshinii beeksiseera.
Damichatti hojii gaggeesituun karooraa aadde Xuruuwarq Shifarraaw akka jedhanitti, buufataaleen humna maddisiisan humna guutuun akka maddisiisaniif hidhaawwan bishaan gahaa qabachuu akka qaban dubbataniiru.
Odeeffannoon hanga Onkoloolessa 30/2017 sassaabame akka mul’isutti hidhaawwan saddeet kan guutan yoo ta’u, lama immoo bishaan gahaa qabatanii akka jiran hojii gaggeesituun kun eeraniiru.
Hidhaawwan kunneen hundi sadarkaa bishaan amma qabatanii jiran kan humna bara bajataa kanaaf karoorfame maddisiisuu danda’u qabaachuu isaaniis mirkaneessaniiru jechuu isaanii Anniisaa Elektirikii Itoophiyaa irraa odeeffanne.