AMN PLUS, Guraandhala 10, 2017
Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiyi Ahimad Ministira Muummee Ittaantuu UK Anjeelaa Reeynar waliin mari’atan.
Marii isaaniin dhimmoota ijoo gamlamee fi damee hedduu irratti marii bu’aa qabeessa taasisuu Dooktar Abiyi gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.
Itoophiyaa fi UK hariiroo cimaa fi seenaa dheeraa akka qaban kaasaniiru.
Daawwannaan Ministiraa Muummee Ittaantuu biyyattiis hariiroo kana daran kan cimsu ta’uu ibsanii, fuuldurattis yoo ilaalame, tumsa siyaasaa fi dippiloomaasii jiru caalaatti babal’isuun walta’iinsa daldalaa fi diinagdee akka dabalu himaniiru.