Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) ji’oota sadiin dura Naannoo Giddugala Itoophiyaa daawwachuun hojii misooma koriidarii baadiyaatiin gandoota moodela ta’an dabalatee hojii tajaajila tola ooltummaa eegalchiisanii turan.
Daawwannaasaanii wayita sanaanis Gaara Hambarichoo misoomsuu dabalatee hojiileen misoomaa biroon akka hojjetaman kallattii ka’anii turan. Ji’oota sadan darban kana keessattis gaarri Ambarichoo gulantaa 777 misoomeera.

Hojiin misoomaa Gaara kanarratti hojjetamuunis naannawichaaf miidhagina addaa uumeera.
Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiyyi Ahimad (PhD) gurgurtaa Kitaaba Ida’amuurraa gaara Ambarichoo jala iddoon aara galfii akka tolfamu kennaa gumaachan.
Hojiin kun hojjetamuusaatti Naannoon giddu gala Itiyoophiyaa gahumsa turiizimii akka tahuuf gargaara jedhamuu Odeeffannoon Waajjira Ministira Muummeerra argame ni mul’isa.