Mo’icha waggoottan 6n darban ashaaraa magariisaa irratti argame borus ni dabala jechuun kantiibaan Magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee dubbatan

You are currently viewing Mo’icha waggoottan 6n darban ashaaraa magariisaa irratti argame borus ni dabala jechuun kantiibaan Magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee dubbatan

AMN PLUS-Adoolessa 23/2017

Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee duula ashaaraa magariisaa guyyaa boruu adeemsifamu ilaalchisuun ergaa dabarsaniiru.

Ergaa isaaniin mo’ichaa waggoottan 6n darban ashaaraa magariisaa irratti argame borus ni dabala jedhan

Magaalli Finfinnee sa’aatii 12 irraa eegalee jiraattonni magaalatti saalaan , umuriin, sabaan, amantiin, sadarkaaniif jiraanyaan osoo wal hin qoodin sagantaa Itoophiyaan guyyaa tokkotti biqiltuu miliyoona 700 dhaabuuf karoorfatte akka mirkanaa’u kallattii afraniinuu ka’uun qooda ha fudhanu jedhan.

Magaalli Finfinnee guyyaa tokkotti biqiltuu miliyoonaan lakkaa’amu dhaabuun tokkummaa, ejjennoofi kutannoo keenya kan itti mul’isnu ta’a jedhan.

Magaalaa midhaagduu, magaariituufi magaalaa jiraattota isheef mijattuu taatee ni uumna jechuun kantiibaa Adaanech Abeebee ergaa dabarsaniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply