AMN PLUS- Gurraandhala 4, 2017
Taphni moo’anii darbuu Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa har’a eegala.
Morkii kanaan Shaampiyoonaan yeroo 15 Riyaal Maadirid
Miidhama taphattootaan goolamaa Itaad irratti Maanchistar Siitin morkata.
Morkii Foormaatii haaraa Shaampiyoonsiliigii Awurooppaa bara kanaan kilaboonni saddeet dursanii 16 keessa galuu kan mirkaneeffatan yoo ta’u, Riyaal Maadiridiifi Maanchistar Siitiin qabxiin isaan galmeessan morkii moo’anii darbuun hirmaannaa 16 keessa galuu kana akka argatan taasifaman.
Muuxannoo baroota darbanii gargaaramnee deeggartoota keenya duratti Maadirid ni injifanna jedhan Peep Gaardiyoolan.
Anchoolotiinis kana hin haalle Maanchistar Siitiin garee jabaadhaa garuu marsaa itti aanutti darbuuf injifachuu qabna jedhan.
Taphni kuni har’a galgala sa’aatii 5:00tti Itaad irratti gaggeeffamuu eegala.
Misikkir Alamaayyootiin