Luusiwwaan Waanca Afrikaarratti hirmaachuuf har’a Ugaandaa waliin falmatu

You are currently viewing Luusiwwaan Waanca Afrikaarratti hirmaachuuf har’a Ugaandaa waliin falmatu

AMN PLUS, Guraandhala 14, 2017

Waanca Dubartootaa Afriikaa bara 2025 Morookoon qopheessiturrattu hirmaachuuf gulallii tasisaa kan jiru gareen Biyyalessaa dubartoota Itoophiyaa (Luusii) har’aa tapha gulaallii maarsa jalqabaa Ugaandaa Istadiyeemii Nakivibu Hamizitti falmata.

Torbanootaf shakkalli taasisaa kan ture gareen Yooseef Gabrawaldiin leenji’u kun tapha michoomaan garee biyalessaa jibuutii maarsa jalqabaan 10-0 injifatee maarsaa lammaffan ammoo 7-0 injifachuun isaa ni yaadatama.

Duursituun garee Luusiiwwanii Loozaa Abarraan qophii bareedaa taasisaa akka turaniifi injifachuuf gara Kaampaalaa akka imalan dubbatteetti.

Taphichi har’a sa’atii 10:00tti kan adeemsifamu yoo ta’u taphni deebii ammoo Guraandhala 19 kan adeemsifamu ta’a.

Rabbirraa Hirphaan

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply