Naannoo Amaaraatti Ayyaanni Mawulidaa fi Masqalaa karaa nagaan akka kabajamu hojjetamaa jiraachuu ibsame

You are currently viewing Naannoo Amaaraatti Ayyaanni Mawulidaa fi Masqalaa karaa nagaan akka kabajamu hojjetamaa jiraachuu ibsame
  • Post category:Itoophiyaa

Naannoo Amaaraatti Ayyaanni Mawulidaa fi Masqalaa karaa nagaan akka kabajamu hojjetamaa jiraachuu Qajeelchi Ajaja Waliigalaa Labsii Yeroo Ariifachiisaa ibseera.

Fulbaana 16 fi 17, 2016 Ayyaanni Mawuliidaa fi Masqalaa karaa duudhaa amantaa isaa eeggateen akka kabajamu Komaandi Poostiin hojjechaa jiraachuu himeera.

Walga’iin ummataa labsii yeroo ariifachiisaan dhorkamuun kan yaadatamuudha.

Yaa ta’uutii Ayyaanni Mawuliidaa, Daamaraan fi Masqalaa duudhaa isaanii eeggatanii Addabaabayiitti akka kabajaman eeyyamamuu ibseera.

Haaluma kanaan ajaajoonni armaan gadii akka hojiirraa oolan beeksiseera.

Walitti qabamni ummataa kun sirna kabajaa ayyaanota amantaaf qofaa kan oolan ta’uu, sirni kabajaa ayyaanichaa eegalamee hanga xumuramutti qofaa kan raawwatamu ta’uu, wayita kabaja sirnoota kanneeniitti nageenya ummataaf jecha qaamolee nageenyaa tumsuun dirqama akka ta’ee hubachiiseera.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review