Naannoo Amaaraatti xaa’oon qonnaan bultootaaf raabsamaa jira

You are currently viewing Naannoo Amaaraatti xaa’oon qonnaan bultootaaf raabsamaa jira

AMN – Bitootessa 28/2017

Naannoo Amaaraatti xaa’oon qonnaan bultootaaf raabsamaa jiraachuu Abbaan Taayitaa Babal’ina Waldaalee Hojii Gamtaa Naannichaa beeksise.

Abbaa Taayitichaatti Daareektarri Dhiheessii fi Gabaa Alamzawud Simeenee xaa’oo naannicha dhiheessuuf karoorfate kuntaala miiliyoona 8 fi kuma 800 oli qonnaan bultootaaf raabsuuf sirni dhiheessii diriirfamuu himan.

Xaa’oo hanga ammaatti naannichaaf dhihaate kuntaala miiliyoona 2 fi kuma 600 keessaa kuntaalli miiliyoona 1 fi kuma 700 oli karaa waldaalee bu’uuraatiin qonnaan bultootaaf raabsameera.

Bara oomishaa 2017/18’tti qonna gannaatiin lafa heektaara miiliyoona 5 fi kuma dhibba 400 misoomsuun oomisha kuntaala miiliyoona 100 fi miiliyoona 87 oli walitti qabuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu TOI’tu gabaase.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply