Kilabiin Magalaa Amboo bakka shaakalaafi dhimma faayinaansiin rakkoo hamaa keessa jiraachuu hime

You are currently viewing Kilabiin Magalaa Amboo bakka shaakalaafi dhimma faayinaansiin rakkoo hamaa keessa jiraachuu hime

AMN- Mudde 18/ 2017

Liigii Olaanaa Itoophiyaa irrattii dorgomaa kan jiru Kilabiin Magaalaa Amboo bakki shaakallii qopheessaa liigichaan isaaniif kennamee mijataa akka hin taane komate.

Dhimma faayinaansiin wal qabatees rakkoolee garagaraa keessa jiraachuu taphattoonni fi leenjiftoonni kilabiichaa ibsaniiru.

“Laafti shaakalaa itti tasisaa jirruu dorgomaa kilabaa liigii olaanoo irrattii dorgomuu kanaaf kan madalu miti” kan jedhan taphattoonni fi leenjiftoonni kilabichaa, dirree awwaara qabu ta’uunsaa ammoo dhibeewwan garagaraaf nu saaxilaas jira jedhaniiru.

Qaamni dorgommii kana qopheessu dursee sirriitti qopha’uus qaba jedhaniiru.

Gama biraanis miindaan taphattootaaf kaffalamu istaandardii liigii olaanaa gaditti ta’uufi gama geejibaanillee rakkoon akka jiru kaasan.

Komii kana hordofuun AMN Afaan Oromoon gara Federeeshinii Kubbaa Miilaa Itoophiyaa deemuun komii dhimma dirree shaakalli waliin wal qabatu dhiyeesseera.

Daarektarri Komunikeshinii fi Maarkeetiingii Federeeshinii Kubbaa Miilaa Itoophiyaa Obbo Abrahaam G/maariyaam komii kanaaf deebii kennaniin, Bulchiinisi Magaalaa Amboos ta’ee kilabichi rakkoo bakka shaakalaa akka qaban xalayaan nuuf barrefamee tokkoyyu hin jiru jedhaniiru.

Ta’us kilabichi fedhii dirree shaakalaa qabu yoo dhiyeesse dirreewwan jiran eeruu kennuun kilabichi kaffaltiin akka kireeffatu gochuu dandeenya malee nuti dirree shaakalaa dhiyeessuuf dirqama hin qabnu jedhaniiru.

Kilabootni liigii olaanaa ramaddii A keessatti ramadamuun Finfinnee irratti dorgoman 12 rakkoo bakka shaakallii qaban furuuf dirreewwan kutaalee magaalaa Shaggar akka fayyadamaniif eeruu kennanii mijeeffataniiru jedhaniiru.

Rakkoo faayinaansii, hanqina kaffaltiifi mindaa, Gejjibaa akkasumas galtewwaan ispoortiif barbachisaan guutaamuu dhabu walumaa galattii rakkowwan Bulchinsaa Magalaa Amboo ilaallataniif deebii argachuuf AMN yaaliin irra deddeebiin tasisee hin milkofne.

Rabbirraa Hirphaatu gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply