AMN PLUS- Bitootessa 9/2017
Naannoo Oromiyaatti Xaa’oo kuntaala mil.10.5 dhiyeessuuf hojjetamaa jiraachuu ibsameera.
Ejensiin Babal’ina Waldaa Hojii Gamtaa Oromiyaa dhiyeessaa fi raabsaa xaa’oo bara 2017/18 ilaalchisuun miidiyaaleef ibsa kenneera.
Hoogganaan Ejensichaa Obbo Jamaal Kadir ibsa miidiyaaleef kennaniin bara kana sadarkaa Naannoo Oromiyaatti xaa’oo kuntaala miliyoona 10.5 ol kan alaa galu ta’uu ibsaniiru.
Hanga ammaattis xaa’oon kuntaala miliyoona 4 ol kan alaa gale yoo ta’u kana keessaa kuntaalli kuma 300 ol qonnaan bulaaf raabsamuu isaa odeeffannoon BKO irra argame ni mul’isa.