
AMN – Onkololeessa 29/2017
Bara oomishaa 2017/18tti xaa’oo biyyee kuntaala miiliyoona 23 alaa bitame keessaa xaa’oo yuuriyaa kuntaala kuma 472 fi 500 kan fe’atte Dooniin Itoophiyaa jalqabaa ‘MV Abbaayi 2’ kan jedhamtu buufata doonii Jibuutii kan geese ta’uu Korporeeshiniin Hojii Qonnaa Itoophiyaa ibse.
Guyyoota itti aanan keessatti dooniiwwan xaa’oo fe’an hedduun buufata doonii Jibuutii kan galan yoo ta’u, hojiin naannoolee adda addaatiif raabsuu yeroo dhiyootti ni eegala jedhamee kan eeggamu ta’uu odeffannoon Koorporeeshinicha irraa arganne ni mul’isa.
Oomishaa Bara 2017/18tti xaa’oo yuuriyaa fi daappii kuntaala miiliyoona 23 bitachuuf doolaarri Ameerikaa biiliyoona 1.3 mootummaan raggaasifamuun isaa ni yaadatama.