Nageenya waaraa fiduuf qindoominni cimuu qaba- Liidiyaa Girmaa

You are currently viewing Nageenya waaraa fiduuf qindoominni cimuu qaba- Liidiyaa Girmaa

‎AMN PLUS- Hagayya 24/2017

‎Magaalaa Finfinneetti nageenya waaraa fiduuf qindoomina cimsuun akka barbaachisu Hoggantuun Biiroo Bulchiinsa Nageenyaa fi Tasgabbii Magaalaa Finfinnee Aadde Liidiyaa Girmaa ibsaniiru.

‎Biiroon Bulchiinsa Nageenyaa fi Tasgabbii Magaalaa Finfinnee bakka hoggansi fi miseensonni nageenyaa argamanitti raawwii hojii bara 2017 dhiyeessuun gumaacha dhaabbileen nageenyaa taasisaniif galateeffannaa fi beekamtii kenneera.

‎Yeroo amma kanatti magaalittiin konfiraansii idil-addunyaa fi ardiilee milkiin xumuruuf dhaabbilee nageenyaa ciccimoo akka barbaachisu Aadde Liidiyaa Girmaa beeksisaniiru .

‎Bara baajata 2017 hojii hojjetameen Magaalattiin mallattoo nagaa ta’uu eerun, hojii guddaa dhaabbileen nageenyaa tasgabbii mirkaneessuuf hojjetaniif galataniiru.

‎Magaalattiin qophiilee amantaa fi aadaa akkasumas konfiraansii idil-addunyaa fi ardiilee 150 ol ta’an milkaa’inaan qopheessuu isheetin muuxaxxoo gaarii akka qabdus ibsaniiru.

‎Jijjiiramni kun kan dhufe hojii dhaabbileen nageenyaa hawaasa waliin qindoominaan hojjetaniin ta’uu ibsuun, magaalattiti nageenyi waaraa fi mirkanaa’e itti fufsisuuf qindoomina cimsuun akka barbaachisu himaniiru.

Nugusuu Baqaaluutu gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply