“Nuti kan dorgomaa jirru waancaaf miti” Eenzoo Maareeskaa

AMN- Mudde 07/2017

Leenjisaan Cheelsii Eenzoo Maareeskaan gareen isaanii ammas imala waancaa irra akka hin jirre dubbatan.

Cheelsiin tapha torbee 16 ffaan guyyaa kaleessaa Brentfoord injifachuu hordofee qabxii isaa 34 ‘n gahuun sadarkaa 2ffaa isaa cimsateera.

Yeroo ammaa kana garagarummaaa dursaa liigichaa waliin qaban gara qabxii 2’ttis dhiphise.

Imala milkii irratti kan argaman gareen Maareeskaa taphoota 13 gaggeessan irratti hin injifatamne.

Cheelsiin erga bara 2016/17 Leenjisaa Antooniyoo Koontee jalatti waancaa Pirimeerliigii injifatee irra hin deebine.

Abbaan qabeenyaa Roomaan Abraamoovich booda Cheelsiin sadarkaa kanatti waancaaf yoo falmatu kun kan jalqbaati.

Misikkir Alamaayyootiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply