AMN- Sadaasa 28/ 2017
Ijaarsa biyyaalessaa eeggalamee milkeessuuf dugda hidhannee hojjechuu qabna jedhan Af-Yaa’iin Mana Maree Federeeshinii Obbo Aaganyaw Tashaagar.
Sadaasni 28 Guyyaa marii jedhamee Moggafame simpoosiyemiin kabajamaa jira.
Simpooziyemichiis yaad-rimee sirna federalizimii fi Ijaarsa biyyaalessaarratti xiyyeeffachuun geggeeffamaa jira.
Afyaa’iin mana maree federeeshinii obbo Aganyaw Tashaagar guyyichi sabaaf sablammoonni aadaa, duudhaa, seenaa isaanii bahee mul’achuun guddina dinagdee hawaasummaa fi siyaasaa keessatti shooraa isaanio akka bahataniif iddoo olaanaa qaba jedhan.
Hariiroon obbolummaa saboota, sablammoota gidduu jiru akka cimsuufis ta’ee aadaan, seenaan fi duudhaaleen hawaasaa bahee mul’atuuf sadaasni 29 furtuu ta’uus kaasaniiru.
Ijaarsi biyyaalessaa mootummoota darbaniin yaalaamaa turanii osoo hin milkaa’in hafan mootuummaa jijjiiraman akka milkaa’uuf dugda keenya hidhannee hojjechuu qabna jedhaniiru.
Mirgi ofiin of bulchuu akkuma jirutti ta’ee walitti dhufeenyi Naannoolee gidduu jiru daran akka cimuuf qindoominaan hojjechuu murteessaa ta’uus kaasaaniiru
Waayita Ayyaana kana kabajnuus ashaaraa fi mallattoo keenyaa kan ta’e hidha haroomsaa bu’aa qabeessa taasisuuf waadaa keenyaa irra deebiin haroomsuu qabna jechuun yaadachiisaniiru.
Mangashaa Daargeetu Gabaase