Oromiyaatti dhibee busaa babal’achaa jiru too’achuuf hojjetamaa jira- Biiroo Fayyaa

AMN – Sadaasa 19/ 2017

Biiroon Fayyaa Oromiyaa weerara dhibee busaa naannichatti yeroodhaa gara yerootti babal’achaa jiru too’achuuf hojjechaa jiraachuu Hoggantuun Biirichaa Piroofeesar Natsanet Warqinaa himan.

Naannichatti qorannoo fayyaa gaggeeffameen lammileen miliyoona 39fi kuma 500 dhibee kanaaf saaxilamoo ta’uu Biiroon Fayyaa Oromiyaa ibsa miidiyaaleef har’a kenneen beeksiseera.

Naannoo Oromiyaatti dhibeen busaa godinaalee 18fi magaalota 10 keessatti kan babal’ate yoo ta’u, Biiroon Fayyaa Oromiyaa weerara kana too’achuuf, tooftaalee garaagaraa fayyadama jiraachuu, Piroofesar Natsanet ibsaniiru.

Dhibeen Busaa guddina siyaasa, diinagdeefi hawaasummaa biyya tokko irratti dhiibbaa waan qabuuf, namni hundi duula dhibee kana too’achuuf taasifamaa jiru keessatti gahee isaa bahuu akka qabus gaafataniiru.

Naannichatti weerara dhibee busaa yeroo adda addaatti mul’atu hambisuuf hojiilee armaan dura hojjetameen lammileen miliyoona 5fi kuma 600 irratti qorannoo gaggeeffameen lammiilee miliyoona 2fi kuma 500 irratti dhibeen kun mul’achuun wal’aansa akka argatan taasifamuu himan.

Piroofesar Natsanet dabaluun ji’oottan shanan darbanitti mana kuma 500 ol irratti biiffaan keemikaakala farra bookee busaa gaggeeamuus ibsaniiru.

Sisaay Dirribaatu Gabaase.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply