Naannoo Kibba Itoophiyaatti kan argamu paarkii Biyyoolessaa Maagoo gandoota 20 oliin daangeffama.
Paarkichi yeroo ammaa bal’ina Iskuweer Kiilomeetirii kuma 1 fi 942 akka qabu Itti gaafatamaan paarkichaa Arbor Lelee TOI’f ibsaniiru.
Bineensonni bosonaa hoossistoota ta’an 81 akkasumas sinbirroowwan gosa 237 Paarkii kana keessa akka jiran dubbataniiru.
Dabalataan, akaakuun biqilootaa shan jiraachuusaanii himaniiru.
Bineensota gurguddoo Paarkii biyyoolessaa kana keessatti argaman keessaa arba, gafarsa, gadamsa, booyyee, qorkee, leenca, qeerransa, Adurree Bosonaa, sar-diida ta’uu ibsaniiru