AMN- Sadaasa15/ 2017
Paartiin Badhaadhinaa, Finfinnee miidhagduu taasisuuf waadaa gale gochaan mirkaneessaa jira jedhan Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee.
Hundeeffamni Paartii Badhaadhinaa waggaa 5ffaa naannawa Yadannoo Injifannoo Adwaatti sosochii qaamaatiin kabajameera.
Sagantaa kanarratti Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeefi anga’oonni olaanoo sadarkaa magaalaa argamuun sochii qaamaa taasisaniiru.
Kantiibaa Adaanechis saganticharratti ergaa dabarsaniin Paartiin Badhaadhinaa gara aangootti yeroo dhufu magaalicha Abaaboo fakkeessuuf waadaa gale mirkaneessaa kan jiru tahuu kaasuun jiraattonni magaalichaa paarticha filattan baga gammaddan jedhaniiru.
Barattoonni magaalichaa sababa nyaataaf maaddii barnootaarraa akka hin hafneef soorataa dhiyeessuun qormaata barnootarratti muudachaa ture hiikuun dandaa’amuus kaasaniiru
Paartiin Badhaadhinaa mul’ata guutummaa Itoophiyaa guddinatti fidu qabatee hojjechaa kan jiru ta’uu himuun kanaafis nageenyaafi waloomni gaariin barbaachisaa akka tahe dhaamaniiru.
Darajjee Bayyanaatu Gabaase