AMN PLUS- Amajjii 18, 2017
Pireezidaantiin FDRI Taayyee Atsiqasillaaseen Walga’ii Haaroomsa Dhaabbilee Gamtaa Afrikaa Sadarkaa Olaanaarratti hirmaachuuf Keeniyaa Naayiroobii dhaqaniiru.
Pireezidaanti Taayyeen wayita Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Joomoo Keeniyaataa gahan Qondaaltoota Olaanoo biyyaattiin simatamaniiru.
Walga’ichi dursummaa Pireezidaantii Keeniyaa Wiiliyaam Ruutoon guyyoota lamaaf kan gaggeeffamu ta’uu TOI gabaaseera.