Pirezidaantiin FRDI Taayyee Atsqasillaaseen hoggansa pirojektii Hidha Haaromsaa milkeessuu keessatti hoggansa Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (Dr) fi caasaaleen mootummaa kennaniif galateeffatan.
Hidha haaromsaafi misooma biyyatti itti fufsisuuf gufuwwan danqaa ta’an hedduu sirreessuun milkaa’ina ammaa kanaaf akka qaqqabu taasisuu isaaniif Dooktor Abiyyiifi caasaa isaanii sadarkaan jiraniif galata dhiyeessaniiru.
Yeroo hidhi haaroomsa guddichi ijaarama jiru sanitti inaaffaafi pirooppaagaandaa siyaasaa addunyaarraa dhagahamaa turuu yaadachiisan.

Sammuu yaaduufi ogummaa harkaa wal simsiisun, beekumsa, dandeettifi humna lammiilee biyyatti hirmaachisuun injiffannoo har’aa kana addababaayitti bahuun gammachuun dhadhamachaa akka jiranis ibsaniiru.
Yoo geggeessa cimaan durfaman, hojjetaan hojii waliin sirnaan walsimuun aadaa hojii fooyyeessa kan jedhan Pirezidaant Taayyeen, milkaa’inaa kanaaf xumuramuun hidha haaromsaa agarsistudha jedhan.
Hirirrii har’aa kunis ergaa hedduu of keessaa kan qabu ummanni Itoophiyaa tokkummaan yoo ka’e wannii isaan hin milkeessinee akka hin jirres Pirezidaanti Taayyeen akeekaniiru.
Shuumii Badhaasootiin