Pirojektiin Hora Arsadee daran hawwataa taasisuuf kaayyeffate eegaluufi

You are currently viewing Pirojektiin Hora Arsadee daran hawwataa taasisuuf kaayyeffate eegaluufi
  • Post category:Itoophiyaa

Hora Arsadee duudhaa aadaa fi seenaa isaa haala eeggateen hojiin misoomsuu barana akka jalqabu Bulchiinsi Magaalaa Bishooftuu beeksise.

Ittaanaan Kantiibaa Bulchiinsa Magaalichaa Obbo Gazzaanyi Dajanee akka jedhanitti, hojiin haricha misoomsuu waggoota lama keessatti kan xumuramu ta’uu fi jalqabbii pirojektichaaf baajanni Birrii miiliyoona 150 ramadameera.

Pirojektichis Horri Arsadii tuuristoota biyya keessaa fi alaan waggaa guutuu akka daawwatamuu fi naannawaa harichaa daran hawwataa taasisuuf kan kaayyeffate ta’uu dubbataniiru.

Pirojektichis hojiilee babal’isa bu’uuraalee misoomaa, miidhagsaa fi hojiilee walqabatan biroo kan dabalatu ta’uu eeran.

Dizaayiniin pirojektichaa xumuramuu kan eeran Obbo Gazzaanyi, misoomichis qabeenya uumamaa naannichaan kan walsimuu fi eegumsa harichaa kan tumsuudha jedhaniiru.

Kunis tuuristoota gara magaalattii dhufanii fi gali damicharraa argamu dabaluuf kan gumaachu ta’uu dubbataniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review