AMN – Amajjii 3/2017
Kantiibaan magaalattii Finfinnee Adaanech Abeebee ergaa marsaa hawaasaa isaanii irratti dabarsaniin, magaalaa keenyaa rakkoo nageenyaa kamirraayyuu bilisa taasisuuf humna namaa gahumsa qabuun, loojistikii fi teeknooloojii ammayyaatiin magaalaa keenya ijaaruuf hojiin eegalame itti fufee jira jedhaniiru.
Kantiibaa Adaanech eebbifamtootaaf ergaa dabarsaniin, Poolisoonni idilee marsaa 29ffaa har’a eebbifamtan, yeroo hojii eegaltan ummata keessan waliin walitti dhiyeenyaan hojjechuun yakkamtoota gootummaan qolachuu fi haala namummaatiin ummata tajaajiluu fi itti gaafatamummaa keessan karaa bu’a qabeessa ta’een bahachuu akka dandeettanii fi ummata keessan tajaajiluu akka qabdan isin yaadachiisa jechuun dhaamsa dabarsan.