Puutiin nagaa barbaaduu isaanii mirkaneessuu qabu – Keeyir Istaarmer.

You are currently viewing Puutiin nagaa barbaaduu isaanii mirkaneessuu qabu – Keeyir Istaarmer.

‎AMN PLUS – Hagayya 8/2017

‎Muummichi Ministiraa UK, Sir Keer Istaarmer Pireezidaantii Yuukireen waliin erga har’a ganama waliin haasa’anii booda, Pireezidaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin, dhuguma nagaa barbaaduu isaanii mirkaneessuu qabu jedhaniiru.

‎Marii nageenyaa Alaaskaatti boru Tiraampiifi Puutiin mari’atan kanarratti, Yuukireenirraa waraana dhaabuuf yoo waliif hin galle, balaa guddaa akka hordofsiisu dursamee xiinxalameera.

‎Miidiyaaleen Raashiyaa, Puutiin, tattaaffii Pireezidaant Tiraamp waraana Yuukireen xumuruuf taasisaa jiran akka jajan gabaasaniiru.

‎Gama biraan, Raashiyaan Yuukireen halkan tokkotti magaalota kibbaa Volgograd fi Belgorod jedhaman irratti diroonii kudhan kudhan dhukaasuu ishee kan himte yoo ta’u, Yuukireen ammoo haleellaa Kharkiv irratti raawwatameen namni tokko akka du’e beeksisteetti.

‎Marii Tiraampiifi Puutiin gaggeessan kanarratti, Zelenskii akka irratti hin hirmaanne kan ibsame yoo tahu, kunis komii kaasee jira.

‎Pireezidaantotni lamaan bor erga cufaatti waliin mari’atanii booda, ibsa waloo gaazexessitootaaf akka kennan eegama.

‎Pireezidaant Puutiin bara 2021’tti Pireezidaantii Ameerikaa duraanii Joo Baayiden waliin erga mari’atanii booda mariin borutti eegamu isa jalqabaati.

‎Mariin gaggeessitoota olaanoo lamaanii, waraana Yuukireen dhaabee qilleensi nagaa dachee Keevitti akka argamu taasisaa laata? ‎

‎Madda: BBC

‎Malkaamuu Abbabaatiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply