AMN PLUS- Guraandhala 5, 2017
Qaamolee eeyyamaan ala Finfinnee fi naannawaasheetti Dirooniin Suuraa kaasanirratti tarkaanfiin fudhatamaa jiraachuu Tajaajjilli Nageenya Odeeffannoo Biyyaalessaa ibse.
Tajaajilichi ibsa miidiyaaleef ergeen, Magaalaa Finfinnee fi Naannawaasheetti eeyyamaan ala Diroonii fayyadamuun kan hin danda’mne ta’uu tibbanaa ibsuu yaadachiiseera.
Qaamolee hubachiisa kana hojirra hin oolchinerratti tarkaanffii fudhachaa jiraachuu beeksiseera.
Walga’ii Gamtaa Afrikaan walqabatee Opireeshinii qindaa’aa cimsuun barbaachiisaa ta’uu isaan,Finfinnee fi Naannawaasheetti Diroonii fayyadamuun dhorkaa ta’uu ibsamuu isaan, hedduun hojjirra oolchaa jiraachuus eereera.
Qaamoolee yaadachisicha hojirra hin oolchinerratti teeknooloojji farraa diroonii dabalatee tarkaanffii garaagaraa fudhachaa jiraachuu himeera.