Qabeenya dilbii biyyi keenya qabdu sirnaan bulchuun dinagdee rogdaneessa milkeessa -Namarraa Gabayyoo (Dooktar)

You are currently viewing Qabeenya dilbii biyyi keenya qabdu sirnaan bulchuun dinagdee rogdaneessa milkeessa -Namarraa Gabayyoo (Dooktar)

AMN – Plus Amajjii 10/2017

Namarraa Gabayyoo (Dooktar) akka jedhanitti Misoomni albuudaa damee dinagdee gooroo shanaan keessaa tokko ta’uu yaadachiisanii, mootummaanis bu’aa dinagdee misooma albuudaa irraa argamu guddisuufi jajjabeessuuf xiyyeeffannoo olaanaa kennee hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Hoogganaan Abbaa Taayitaa Misooma Albuudaa Oromiyaa Namarraa Gabayyoo (Dooktar) addatti Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaaf yaada kennaniin, bara 2012 asitti damee misooma albuudaaf xiyyeeffannoon olaanaan kennamee hojjetamaa jiraachuu fi hudhaawwan ammaan dura turan maqsuun bu’aa gaariin mul’achaa jiraachuu himaniiru.

Hojii adda baafannaa qabeenya albuudaa wajjiin wal qabatee baroottan darban keessatti jijjiiramni mul’achaa dhufuufi fooyya’iinsa gaarii kan qabu ta’uu eeruun, bara kana raawwii jiruun kan bara darbeerra caalmaa argamsiisaa jiraachuu dubbataniiru.

Waliigalaan hojii adda baafannaa itti fufiinsaan hojjetamaa tureen albuudaalee gosa adda addaa 76 km2 4,840 irratti adda baasuun hojitti galamuu isaa ibsaniiru.

Dabalataanis Bara 2016 irraa eegalee Godinaalee 10 keessatti Albuudota adda bahan km2 428 maappeessuun kan danda’ame ta’uu kaasaniiru.

Oomisha albuudaalee al-ergii ilaalchiisee ibsa kan nuuf kennan Abbaan Taayitichaa qabeenya albuudaa dilbii biyyattiin qabdu sirnaan hoogganuu fi bulchuun diinagdee rogdaneessa milkeessuu keessatti shoora olaanaa kan qabu ta’uu isaa ibsaniiru.

Itti aansuunis saaxilamummaa al-seerummaa ammaan dura ture maqsuun sirreeffama dinagdee gooroo irratti mootummaan taasiiseen albuuda sookoo kg 3,435 baankii biyyoolessaaf dhiyeessuuf karoorfamee giddu galeessa godhachuun karooraa qabameen ol raawwachuun kan danda’ame ta’uu himaniiru.

Albuudota Midhagiinaa, Industriifi Sibiilaa biyya keessatti oomishamaniifi biyya alaatiif ergamaniin wajjiin wal qabatee bara kana hanqinni jiraachuu yaadachiisuun, albuudnii midhagiinaa fi industirii bara darbee haala yaadame oliin raawwtamuu eeraniiru.

Kana malees, Galii al-ergii/sharafa alaa damee albuudaa irraa argamu guddina biyyaa ariifachiisuu keessatti bakka guddaa qabaachuu eeruun oomisha albuudaa al-ergee irraa bara kana hanga ammaatti galiin Doolaarri mil. 385 argamuu Dooktar Namarraan himaniiru.

Sirreeffama gabaa albuuda sookoo irrattii taasiifameen hanga sharafa argameenis ta’ee dhibbentaadhaan fooyya’iinsa olaanaa kan qabu ta’uu himaniiru.

Galii biyya keessaatinis hojii misooma albuudaa waliigala gaggeffame irraa bara kana kan yeroo kamuu caalaa fooyya’iinsa agarsiisuu kan danda’ameefi kanarraayis galii qarshii bil.1 ol

argamuu eeraniiru.

Itti aansuun, misoomni albuudaa sharafa alaa argamsiisuu bira darbee carraa hojii uumun fayyadamummaa uummataa mirkaneessuu keessattis iddoo guddaa kan qabu ta’uu himuun, bara kana lammiilee 47,496 carraa hojii dhaabbiifi yeroo uumuu danda’uus Dooktariichi kaasaniiru.

Walumaagalatti misoomni albuudaa akka babal’atuufi qulqulinni isaa karaa eegameen saffisaan akka oomishamu taasisuun guddinaafi jijjiirama biyyi keenya toora hundaan eegalte milkeessuuf hojjetamaa jiraachuu himuun, al-seerummaa damee kanaan wal qabatee jiru sirreessuuf riifoormii mootummaan gaggeessaa jiru uummanni waloon deeggaruu akka qabu dubbachuu isaanii odeeffannoon Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa irraa argame ni mul’isa.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply