AMN Onkololeessa 8, 2017
Yaa’ii idil-addunyaa “World Without Hunger” Onkoloolessa 26-28tti Magaala Finfinneetti geggeeffama.
Konfiraansiichi Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanitti Dhaabbata Misooma Industirii (UNIDO), Komishinii Gamtaa Afrikaa (AUC), mootummaa Ityoophiyaa fi Dhaabbata Nyaata Addunyaa (FAO) waliin ta’uun kan qophaa’udha.
Beelli fi hanqinni nyaataa madaalawaa qormaata gurguddoo dhala namaa mudatan keessaa tokko dha.
Addunyaa beela irraa bilisa taate uumuuf kan kaayyeffate konfiraansiin kun, dhimmoota teeknikaa fi invastimantii akkasumas dhimmoota siyaasaa waliin walqabatee rakkoolee jiran furmaata agarsiisuu irratti xiyyeeffachuun guyyoota sadiif magaalaa Finfinneetti ni gaggeeffama jedhameera.
Yaa’ii kanarratti hirmaattonni 1,500 ol ni hirmaatu jedhamee eegama. Akka odeeffannoo fuula miidiyaa hawaasaa UNIDO irraa argame ibsutti, ministeeroni, hoggantoonni mootummaa naannoo, hoggantoonni dhaabbilee mootummoota gamtoomanii, invastaroonni dhuunfaa, dhaabbileen faayinaansii, dhaabbileen arjoomtotaa, dhaabbileen miti mootummaa, dhaabbileen barnoota olaanoo, ogeeyyiin miidiyaalee fi qooda fudhattoonni yaa’ii kanarratti ni argamu.